Telegram Group Search
Seenaa Ajaa ibaa Felix B. Carter Felix B. Carter(1).pdf
171.2 KB
Emailing Seenaa Ajaa ibaa Felix B. Carter Felix B. Carter(1).pdf
Nama tokko jijjiiruu keessatti gahee kitaaba dubbisuun qabu hojiin ni argitu! Dubbisaa!๐Ÿ™
Forwarded from Daandii Guddinaa Caalii
OF TUFFACHUU

Namaa gaditti of ilaaluun mul'ata ofii of keessatti maseensanii kufaatiif of saaxiluudha. (DG)

Namoonni miirri gad aantummaa itti dhagaa'amu dafanii kufaatiif saaxilamu. Miirri gad aantummaa afuuffee qilleensa hin qabne ta'uudha. Afuuffeen qilleensa hin qabne sochii gochuu hin danda'u. Gargaarsa qaama biraan iddoo tokkoo gara iddoo biraatti sochii taasisa. Akkuma kana namoonni gaafa miira of tuffii yookaan miira gad aantummaan mo'aman dandeetti isaanii fayyadamii wanta tokko hojjechuu hin danda'an. Miirri gad aantummaa eenyummaa namaa ishee dhugaa nama dhabsiisa. Namoonni akka of shakkan godha. Amantii isaan of irratti qaban ajjeesa. Namoonni amantii of irratti hin qabne immoo hojii isaanii keessatti milkaa'uuf baay'ee rakkkatu.
Ofii isaaniif kabaja dhabuu fi namaa gaditti of lakkaa'uu irraan kan ka'e namoonni yeroo baay'ee iddoo isaaniif hin malletti argamu.

Kabaja ofiif kennuu dhabuun dhiibbaa guddaa nama irraan geessisa. Akkuma Oromoon "Horii abbaan gaanfa cabse ormi ija jaamsa" jedhu yoo ati ofii keetiif bakka gad aanaa ofiif laatte, namni biraan immoo sadarkaa ati ofiif laatte gaditti sadarkaa siif laata. Yoo ati kabaja of dhowwatte namni kabaja siif laatu hin jiru. Yoo ati sadarkaa kee xiqqeessitee namaa gad of goote malee namni namaa gad si gochuuf aangoo hin qabu. Kanaafuu ofii kee namaan gaditti hin ilaaliin! Eenyummaama kee dhugaan jiraadhu! Of irratti amantii guutuu qabaadhu! Sadarkaa siif malu ofiif kenni! Sababni isaas yoo ati mataa keetiif kabaja barbaachisu hin kenniin kan si kabaju hin jiru. Kabajamuuf dursa ati ofii kee kabajuutu sirra jiraata. Namoonni yeroo ati of kabajju yoo si argan si kabaju. Kanaafuu of hin tuffatiin! Kabajas of hin dhowwatiin!

Join godhaa!

๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
@QarooDG
@QarooDG
1 ๐——๐—ต๐—ฎ๐—ด๐—ด๐—ฒ๐—ฒ๐—ณ๐—ณ๐—ฎ๐˜๐—ฎ๐—ฎ ๐—ด๐—ฎ๐—ฎ๐—ฟ๐—ถ๐—ถ ๐˜๐—ฎ'๐—ถ. ๐—š๐˜‚๐—ฟ๐—ฟ๐—ถ๐—ธ๐—ฒ๐—ฒ ๐˜๐—ฎ๐˜€๐˜‚๐—บ๐—ฎ ๐—ฎ๐—ฑ๐—ฎ๐—ฏ๐—ฎ(๐—ฟ๐—ฎ๐—ธ๐—ธ๐—ผ๐—ผ) ๐—ธ๐—ฒ๐—ฒ๐˜€๐˜€๐—ฎ ๐˜€๐—ถ๐—ป ๐—ฏ๐˜‚๐˜‚๐˜€๐˜‚๐˜‚๐˜๐—ถ...!
ยฉFrank Tyger

2 ๐—œ๐—ฟ๐—ฟ๐—ฎ ๐—ฑ๐—ฒ๐—ฑ๐—ฑ๐—ฒ๐—ฒ๐—ฏ๐—ถ'๐—ฎ๐—ป๐—ถ๐—ถ ๐˜†๐—ฎ๐—ฎ๐—น๐˜‚๐˜‚๐—ป ๐—บ๐—ฎ๐—ฎ๐—น๐—ถ๐—บ๐—ฎ(๐—ฒ๐—น๐—ฒ๐—บ๐—ฒ๐—ป๐˜๐—ถ๐—ถ) ๐—บ๐—ถ๐—น๐—ธ๐—ฎ๐—ฎ'๐—ถ๐—ป๐—ฎ๐—ฎ ๐—ถ๐˜€๐—ฎ ๐—ด๐˜‚๐—ฑ๐—ฑ๐—ฎ๐—ฎ๐—ฑ๐—ต๐—ฎ. ๐—ฌ๐—ฒ๐—ฟ๐—ผ๐—ผ ๐—ฑ๐—ต๐—ฒ๐—ฒ๐—ฟ๐—ฎ๐—ฎ๐—ฑ๐—ต๐—ฎ๐—ฎ๐—ณ ๐—ต๐˜‚๐—น๐—ฎ๐—ฎ(๐—ด๐—ฎ๐˜๐—ฒ) ๐—ฟ๐˜‚๐—ธ๐˜‚๐˜๐—ฎ๐—ฎ ๐˜†๐—ผ๐—ผ๐—ธ๐—ฎ๐—ฎ๐—ป ๐˜€๐—ฎ๐—ด๐—ฎ๐—น๐—ฒ๐—ฒ ๐—ด๐˜‚๐—ฑ๐—ฑ๐—ฎ๐—ฎ ๐—ฑ๐—ต๐—ฎ๐—ด๐—ฒ๐—ฒ๐˜€๐˜€๐—ถ๐˜€๐—ฎ๐—ฎ ๐˜†๐—ผ๐—ผ ๐˜๐˜‚๐—ฟ๐˜๐—ฒ,๐—ฎ๐—ธ๐—ธ๐—ฎ ๐—ป๐—ฎ๐—บ๐—ฎ ๐˜๐—ผ๐—ธ๐—ธ๐—ผ ๐—ฑ๐—ฎ๐—บ๐—บ๐—ฎ๐—พ๐˜€๐—ถ๐˜๐˜‚ ๐—ฏ๐—ฒ๐—ฒ๐—ธ๐—ฎ๐—บ๐—ฎ๐—ฎ๐—ฑ๐—ต๐—ฎ.

ยฉHenry Longfellow
Waa'ee mana jireenyaa qaalii addunyaa kanaa quba qabduu laata?(Did you know about the most expensive house in the world)!
Maqaan isaa Antiiliyaa(Antilia) kan jedhamu yoo ta'u, biyya Hindiyaa magaalaa Mumbaayiitti kan argamuudha. Abbaan qabeenyaa mana kanaa Mukeesh Ambaanii yoo jedhamu lammiima biyya sanaati. Mukeesh Ambaaniin qabeenya kuufateen addunyaarraa sadarkaa 6ffaa irratti argama. Ijaarsi gamoo kanaa doolaara Ameerikaa biiliyoona tokko(1,000,000,000) jechuun qarshii biyya keenyaatti yoo xiqqaate biiliyoona soddoma(30,000,000,000) kan fixe yoo ta'u, ijaaramee xumuramuuf turtii waggaa afurii itti fudhate. Dizaayineeroonni gamoo Antiiliyaan Peerkinsi fi Wiil namoota jedhamaniidha. Gamoon kunis abbaa darbii 27 yoo ta'u, lafa squ.ft 400,000 irratti ijaarame. Innis kutaalee hedduu ofkeessaa qaba. Fakkeenyaaf, kutaa Ice cream, Goorduba(salon),kutaa argisiisa tiyaatiraa nama 50 qabachuu danda'u, puulii(swimming pool), Istuudiyoo daancii, bakka qabunnaa Helikopteraa sadii(three helipads), kutaa yaala fayyaa, GYM, fi kkf!
Walumaa galatti namoonni 600 mana kana keessatti qacaramanii hojjetu. Maatiin mana kana keessa jiraatan garuu nama ja'a(6) qofa.
Join๐Ÿ‘‡
@FayoFaye
@FayoFaye
@FayoFaye
Forwarded from Ilaalcha Gaarii (Ar... Fy)
#Muudannoo_jaalalaa_gabaabduu_kana_dubbisaa_Irraa_baradhaa
Jaalalleewwan lamatu ture. isaan lachuu baayyee waljaalatu turan mucaan isheen durbaa jaalalleeshee kanaan baayyee boonti turte. Hiriyoota isheettis waa'eesa himtee hin quuftu. warra dhiiraattis warra shamarraniittis isum qofa haasofti.Osuma kanaan jiranii guyyaa tokko isheen guyyaa dhaloota ishee kabajachuuf hiriyoota ishee mara waamte. hiroyonni ishees kennaa addaa addaa fidaniifi dhufan. hundumti isaani dhifaniiru.kan haga ammaatti hin dhufne jaalalleeshe sana qofa ture. hundi isaanii maal fida laata? Jedhanii eegu. waa'ee isaas waanta baayyee isaanitti himteetti. irra caala akka hawwiin eegan kan taasises sababni isaa. baayyee ni jaalata baayyees sooressadha. waanta barbaade nama bituufii danda'uu dha.kennaa guddaas fida jedhanii eegu. sana booda osoo kanaan jiranii Jaalalleen ishee dhufe. hundi isaanii olka'ani simatan. innis kennaa qabatee dhufe isheetti kennee akka bantuuf ishee gaafate.isheenis gammachuun fuutee gaafa bantu waanta isheen hin amannetu ishee quunname. kennaan inni qabatee dhufe sun #Daabboo ture sana booda aariidhaan fuulum isaa duratti lafaan rukutte. sana booda inni baayyee aaree daabboo sana fuudhee ishum duratti gargar cabse. ammas waanta isheen hin amannetu ishee mudate daabboo gargar cabe sana keessa #Furtoo_konkolaataa.#Qubeellaa fi barreeffama natti heerumuu dandeessa jedhutu ture.sana booda innis akkas jedheen #Kennaan xiqqoo hin qabu kennaanis hin tuffatamu.amma garuu maaliif akka na jaalatte si bareera jedheet kennaasaa fudhatee deeme jedhama.

@smartattitude
@smartattitude
Jireenya keenya guyya guyyaa keessatti filannoo lama ni qabaanna;
Haalota akkuma isaan jiranitti fudhachuu fi
haalota sana jijjiiruuf ittigaafatamummaa fudhachuudha!.
Charlie Chaplin
Koomeediyaanii beekamaan Chaarli Chaapliin waggaa 88 addunyaa kanarra jiraate keessatti himoota ajaa'ibaa afur(4) nuuf gumaacheera.
1๐Ÿ‘‰ Rakkinoota keenyaan alatti, addunyaa kanarra wanti barabaraan turu hin jiru.
2๐Ÿ‘‰ Rooba keessa deemuu nan jaalladha sababni isaas namni tokkollee imimmaankoo arguu hin danda'u.
3๐Ÿ‘‰Guyyaan nuti jireenya keenya keessaa dhabne inni guddaan guyyaa nuti hin kolfineedha.
4๐Ÿ‘‰Doktaroota/hakiimota gaarii ja'an(6) addunyaa...:
a) ๐€๐๐ฎ๐ฎ
b) ๐›๐จ๐ช๐จ๐œ๐ก๐ฎ๐ฎ
c) ๐’๐จ๐œ๐ก๐ข๐ข ๐ช๐š๐š๐ฆ๐š๐š
d) ๐๐ฒ๐š๐š๐ญ๐š
e) ๐จ๐Ÿ๐ค๐š๐›๐š๐ฃ๐ฎ๐ฎ
f) ๐‡๐ข๐ซ๐ข๐ฒ๐ฒ๐จ๐จ๐ญ๐š
๐Ÿ™Michuuwwan keessan chaanalii kana affeeruuf๐Ÿ‘‡
@FayoFaye
@FayoFaye
๐—”๐—น๐˜๐—ผ๐—ธ๐—ธ๐—ผ ๐—พ๐—ผ๐—ณ๐—ฎ ๐—ท๐—ถ๐—ฟ๐—ฎ๐—ฎ๐˜๐˜๐—ฎ. ๐—š๐—ฎ๐—ฟ๐˜‚๐˜‚ ๐—ถ๐˜€๐˜‚๐—บ๐—ฎ๐—ฎ๐—ป ๐˜†๐—ผ๐—ผ ๐—ฑ๐—ฎ๐—น๐—ฎ๐—ด๐—ฑ๐—ฒ( ๐—ณ๐—ฎ๐˜†๐˜†๐—ฎ๐—ฑ๐—ฎ๐—บ๐˜๐—ฒ),๐—ฎ๐—น๐˜๐—ผ๐—ธ๐—ธ๐—ถ๐—ฐ๐—ต๐—ถ ๐—ด๐—ฎ๐—ต๐—ฎ๐—ฎ๐—ฑ๐—ต๐—ฎ.

ยฉMae West
๐Š๐ข๐ญ๐š๐š๐›๐š ๐ช๐ฎ๐›๐ž๐ž "๐—˜" ๐จ๐Ÿ ๐ค๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐š๐š ๐ก๐ข๐ง ๐ช๐š๐›๐ง๐ž ๐๐ฎ๐›๐›๐ข๐ฌ๐ญ๐š๐ง๐ข๐ข ๐›๐ž๐ž๐ค๐ญ๐ฎ๐ฎ?

Asoosamni(novel) Ernest Vincent Wright dhaan barreeffame kan ๐†๐š๐๐ฌ๐›๐ฒ jedhamuu fi jechoota 50,000 qabu jecha qubee "E" ofkeessaa qabuun oodeera. Akkas jechuun jechi qubee "E" qabu tokkollee barreeffamicha keessa hin jiru. Gochi itti yaadanii qubee lagatan kun ๐’๐’Š๐’‘๐’๐’ˆ๐’“๐’‚๐’Ž jedhama.

๐‚๐ก๐š๐ง๐ง๐ž๐ฅ ๐ค๐ž๐ž๐ง๐ฒ๐š ๐ก๐จ๐ซ๐๐จ๐Ÿ๐š๐š ๐ซ๐š๐š๐ฃ๐ข๐ข ๐๐ก๐š๐ ๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐ฎ๐ฎ๐ญ๐ข. ๐‹๐ข๐ง๐ค๐Ÿ‘‡
@FayoFaye
@FayoFaye
@FayoFaye
downloaded_file-18.pdf
425.6 KB
Emailing downloaded_file-18.pdf
Forwarded from Jc Quality Button
Do u want to know about astronomy and physics? So all things u want is here join this best channel now.
๐‰๐ข๐ซ๐ž๐ž๐ง๐ฒ๐ข ๐ฆ๐š๐š๐ฅ๐ข๐ข?

Guyyaa tokko dubartii tokkotu Toomaas Ediisan bira deemtee"Obbo Ediisan elektirikiin maali?" Ittiin jette. Akkas jedhee deebiseef" Haadhako, elektirikiidha. Itti fayyadami."
Akkuma beekamu elektirikiin, humna mul'ataa hin taanee fi guutummaattii beekuu hin dandeenyeef maqaa kennameedha. Garuu akkamitti akka hojjetuuf faayidaa isaa namuu beeka. Dhimma hedduufis itti gargaaramna. Jireenya ijaan arginee beekuu baannus, akka jiraachaa jirru beekna.
Hiikni jireenyaa irratti walii galamuu dhabus, namni akka dhuunfaasaatti hiika jireenyaaf kennu hin dhabne.
Guyyaa tokko Dr.Huug Muurheed, pifeeserri filoosoofii Yuunibarsiitii Norz Istern Illiinooyis, namoota filoosoofii bebbeekamoo,ogeessota saayinsii,barreessitoota, namoota haalaan yaaduu danda'an addunyaa kana irra keessa jiran 250 barreeffamaan akkana jedhee gaafate,"๐‡๐ข๐ข๐ค๐š๐š๐ง ๐ฃ๐ข๐ซ๐ž๐ž๐ง๐ฒ๐š๐š ๐ฆ๐š๐š๐ฅ๐ข?"
Isa booda Deebii isaanii kitaaba irratti maxxanse. Walakkaan isaanii tilmaama kennuu danda'an kennaniiru,isaan kaan kaayyoo jireenyaasaanii ofiisaaniitii akka uummatan dubbatan,isaan kaanimmoo amanamummaadhaan kana ilaalchisee deebii akka hin qabne ibsan. Namoonni bebbeekamoo hedduun hiika jireenyaa beekeera yoo ta'eef akka inni isaaniiti himuuf Dr. Huugiin gaafatan. Dogoggora sammuun amaleeffate silaa dhugaa namatti fakkaattiiti, hiika jireenyaaf kennamu keessaa persentii olaanaan, namni wantoota bu'uuraa ittiin lubbuu isaa lafa kanarra turfatu haalaan guuttannaan hiika jireenyaa isa sirrii bira ga'eera jedhama! Atihoo maal jetta? Follow๐Ÿ‘‡
@FayoFaye
@FayoFaye
Namni yeroo dheeraa koompiyuutera irratti dabarsu akkanni "Mouse potato" jedhamu hoo quba qabduu isin!
Seerri 20-20-20 maali?
Namni koompiyuuteera fayyadamu tokko turtii daqiiqaa digdama digdamaan wanta isarraa digdama ft fagaatee jiru tokko turtii sekondii digdamaaf haalaan ilaalee gara hojiisaatti deebihuuti!
Yeroo dunuunfannutti gosti halluu nutti mul'atu gurraacha fakkaatus; gurraacha akka hin taanetu himama. Innis EIGENGRAU jedhama!
Join๐Ÿ‘‡
@FayoFaye
KITAABA KOO

Atimoo....
Atimee, ija keenya saaqxee
Kan tureyyuu jaamaa
Yoonaa wallaalummaatu
Sammuurra nu garmaamaa

Koompaasii jireenyaatu
Si keessatti argamaa
Namni sirraa gorraan
Ofumaaf wargama

Atii, kennuu malee
Tasa fudhachuun barre
Xiqqaaf guddaa utuun jedhin
Kan nama biran tarre

Isa daandiirraa kaate
Haalaan qajeelchita
Kan mul'atan qabnes
Galmasaa bareechita

Situ nuuf oomishe
Gootota gita hin qabne
Fiixeen kaayyoosaanii
Kan salphaatti hin dabne

Addunyaa kana ijaaruuf
Humnikee miti laayyoo
Miiltoo dhaloota qubee
Si jaallanna akka aayyoo

Abdii nutti horteem
Waa'ee keetu nu marara
Utuu ati hin jirree
Wallaalummaan nu darara

Hibboo nurratti walxaxeef
Situ nuuf tahe fala
Goota keenya jenna
Yoo jennes siif mala

Ihiiim! Erga si barree
Ofii keenya hubanne
Utuu sin barin dura
Bara baay'ees gubanne

Dhaabbata dhalootaati
Gaafa jilbi isaan muduqu
Nuu jiraadhu tokkichakoo
Wallaalummaan haa buruquu

#FAYISAA_TASFAA
JOIN๐Ÿ‘‡
@FayoFaye
@FayoFaye
@FayoFaye
Eloon Maaski magaalaa haaraa pilaaneetii maarsii irratti ijaaree; namoota miiliiyoona tokko maarsii irra jiraachisuuf,bara 2050 tti qophiidha jedha maddin dubbise.
~Murtoon milkaa'inaaf qabu haalaan cimaa taanaan, kufaatiin tasa na hoogganuu hin danda'u.
ยฉOog Maandiinoo

~Gammaduun hedduu qabaachuu irraa hin argamu. Garuu xiqqoo qabnutti qabamnee jiraachuu irraa ni argama.
ยฉCheengi Yeen
Waadaan waadaa galeen, Waadaan gale eeguuf waadaa ofiif gale. Waadaan waadaa ta'ee akka hin hafneef waadameen waadaa eege. Waadaa waadame waadamee baadheen, waadaa, waadaa dhugoomu taasisuuf waadaan fudhadhe.(Kitaaba WAADAA)

Yoo eegame waadaadha
Kanaan achi hima himamsaa
Yoo ari'ee dhale malee
Eessa isaatu goromsaa

Tabba fiigee yoo hin baane
Dargaggummaan yoomiifii
Waadaa ofii eeguunis
Bar mataa ofiifii

Waadaa hin cabsinuu
Aadaa keenya durii
Kan seente ba'adhuu
Waadaa kees xumurii

Waadaan sitti ulfaatus
Hirmiidha Kan hin nyaatamne
Bu'uurri isaa dhugaadha
Dhugaa tasa hin haalamne

Of bira hin tuttursin
Waadaan ha raawwatuu
Warri waadaa nyaate
Gahaannamii wawwaatuu

Itti yaaddee seentee
Waan humna kee garasii
Yaadadhu siin jedhamaa
Meerre waadaan barasii

Deebisuuf rakkatta
Jechatu si hanqata
Gatii har'a boonte
Dhugaan si baqata

Maal raawwattaree
Yeroon hoo dhumatee
Mataatti baattee deemta
Waadaa waadamee gubate

Gabaa galtuttii
Harree hin oofani
Wawwaatanii bo'anis
Murtoo hin oolani

Erga akkas tahee
Maaf waadaa hin xumurru
Qooda gaabbiin booda
Hidhii of murmurru....!

Fayisaa Tasfaa ti (Fayyoo Fayyee)
2024/07/05 01:20:53
Back to Top
HTML Embed Code: